Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Ibsa ejjannoo hirmaattota seminaara ummata Oromoo biyya Jarmanii

Seensa

Seminarri kun guraandhala (February) 14 (Sanbata-duraa) bara 2009 ganama kessaa saatii 11:00 irraa jalqabee haga saatii 19:00 magalaa Frankfurt itti geggefame. Kayyoon seminara kanaa: 1ffaa Qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo ammaa ilaalchisee ibsa gadi-fageenyaan kennuu fi  2ffaa Haala  ijaarsoota ummata Oromoo biyya alaa fi Jarmanii ilaalchisee barnoota qorannoo irra itti hundawe kennuu dhaan marii  ballinaan geggessuuf. Seminaarri  ebba aadaa Oromoo fi faaruu alabaa Oromiyaan sirnaan jalqabame. Itti-aansuun miseensi gumii sabaa ABO, J. Aster Gammadaa ibsa waligalaa haala qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalu hirmaattotaaf  dhiyessuun walgayicha sirnaan banan.

Seminarri (walgayiin) kun haala barnootaan  mata duree gosa shan (5) irra itti gadi-fagenyaan geggefameera. Isaanis:  1ffaa Gabasaa dittaa mirga dhala-namaa motummaa wayyaneen ummata Oromoo irra itti geggefamaa jiruu kan dhiyesse luba Bantii Ujuluu (dura ta´aa koree hojii geggesitu jaarmiyaa mirga namomaa fi gargaarsa Oromoo ); 2ffaa Walii tumsaa fi garaagarummaa qabsoo karaa naggaa fi hidhannoo geggefamu irra itti kan barnoota bu´uraa kennan Dr. Alamayoo Birruu (oggessa sayinsii filosofaa); 3ffaa Haala yeroo qabsoo bilisummaa Oromoo ogganummaa ABO dhaan geggefamaa jiruu ilaalchisee ibsa ballinaan kan kennan  J. Aster Gammadaa (miseensa gumii sabaa ABO); 4ffaa Xinxala haala ijaarsota hawaasaa fi waldaalee Oromoo biyya Jalaa jiran irra itti barnoota bu´uraa kan kennite J. Kulanii Gudinaa (miseensa buleyyii ABO); fi 5ffaa Bara 1992 boda haala fincila diddaa gabirummaa barattota Oromiyaan geggefamu  ilaalchisee ibsa kan kenne J. Hundee Dugasaa (biyya kessa itti dura ta´aa tokkummaa barattoota Oromoo yuinverstotaa fi koleejjotaa kan ture).

Mata dureen armaan olii irra itti tartibaan barnooti ergii kennameen booda hirmaattoti walgayii gaafilee dhiyessuu fi yaadota ijaaroo kennuun haala bulluqaan hirmannaa isaanii mullisaniruu. Dhimmoota fardii (waligalaa) hawaasotaa fi wldaalee Oromoo biyya Jarmanii ilaalu irra itti marii  geggessuun booda ibsa ejjannoo armaan gadii baasuun sagantaan seminaraa milkiin xumuramera.

Ibsa ejjannoo

1.       Qabsoo bilisummaa Oromoo hirmannaa ummata Oromoo fi ogganummaa ABO dhaan geggefamu ni deggerra!

2.       Qabsoo fincila diddaa gabirummaa barattotaa fi ummata Oromoo dhaan geggefamaa jiru waan nu irraa barbachisu maraan ni tumsina!

3.       Qabsoo hidhannoo, siyasaa, fi dipilomasii ABO geggessaa jiru diinagideen ni utubna fi sagalee qabsoo bilisummaa Oromoos haala hundaa kessa itti ni dhageessifna!

4.       Qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ga`uu dhaan gidiraa ummata Oromoo irra ga`aa jiru gutummaa itti injifachuuf waliitumsuun ni qabsoofna!

5.       Tokkummaan Oromoo kan Oromummaa irra itti hundayee haa lalaisuu, bara baraanis haa jiratuu!

6.       Yakkoota dhittaa mirga dhala namaa kaneen akka ajeechaa, hidhama, reebama, gudeeddii, qaama hirrinaa, ukkamsamuu, ariyatamaa, fi kkf) motummaa gabironfataa TPLF (wayyanee) dhaan ummata Oromoo irra itti raawatamaa jiru ni baalaleffanna!

7.       Namooti dhalootaan lammii Oromiyaa taatanii saba Oromoo ganuun meshaalee motummaa TPLF ta`uun yakkota hiryaa hin qabne ummata Oromoo irra itti raawachuu dhaan sirna kolonii Habashaa tikasaa jirtan akka moraa  qabsoo bilisummaati makamuun mirga abbaa biyyummaa fi haaqa ummata Oromoo kabachisuuf qabsooftan waamicha Oromummaa hundeefate isinii dhiyeesina!

 

Injifatnnoon ummata Oromoof

Hirmaattota seminaara ummata  Oromoo  

Jarmanii, Frankfurt

Guraandhala 14 bara 2009



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net